Go offline with the Player FM app!
Qabsoo Bilisummaa Oromootti Maaltu gufuu ta’aa Ture/ ammas itti jira? Marii Dr. Dassuu Nagarii Guyyoo waliin goone caqasaa
Manage episode 495905050 series 2805990
Seensaf: kitaaba Sacred Knowledge Traditions of the Oromo of the Horn of Africa:
Dr. Gammachuu Magarsaa kufaatii Mootii H/ Sillaasee booda Sayyootti akka hojjataa di daarikteera dhimma lafaa ( LAND TO TILLER) raawwachiisstti ramadamee yeroo deeme waliin dubbii akaaka isaanii Ruda Kuraa, Akaakayyuu Gammachuu Magarsaa waliin taasisan ilalla.
Dr. GM : Laal dhaloota keenya , Laal waan nwaan nuti hojjannee arganne, sirna sin dadhabdan kan sin miidhaa bahe nuti darbannee amma sirna uummataaf tahu finner uummanni Lafa isaa deebifate.
RK : Gaafa Jootee Tulluu dhufe ni gammanne, Oromoo waan taheef Oromoo Tilda jennee Waaqaa kadhanneef. Haa gahu malee gaafa Dajjaasmaach argatu Oromoo miidhuu jalqabe. Gabbara humnaa olii garbichaan kaffaluu ykn Maria Tireezaa dhaan akka kaffalan gabrummaa hamaa nu iirratti fe’e. Uummanni didee mormee jennan dhaamsa dhaakuu dugda isaanitti baachisee qileetti darbatee ajjeessuu itti fufe.
Uummanni kana nuffee Waaqni akka isa isaan irraa kaasu kadhachuu eegale.
Waaqayyoon nu dhagahe, Jooteen bakkaa kaafamee,Dajjaach- Birruun bakka bu’e. Ni gammanne, alatti yaanee sirbinee dhiichisneet Waaqa namticha Amaaraa ( Dajjach Birruu) sana nuuf fide galateeffanne. Tokkoon keenya illee Dajjaach kuni akkamiin jiruu fi jireenya Oromoo akka fooyyessus tahee mirga mulqamne akkamiinwakka deebisu hin gaafanne sirbaa fi dhiichisa keenya malee.
Namtichi osoo hin turin imaammata gabbaarii fi malkanyaa diriirse. uummata Maccaa qabeenya Nafxanyaa gochuun hire. Durboonni fi haati warraa keenya garbittii mana Nafzanyaa tajaajiltu taasise. Dubartoonni keenya isaa fi loltoota isaaf nyaata bilcheessuun dirqama itti tahe. Bishaan waraabuu, qoraan cabsuu, afaanii, meesuu, daakuun hojii isaanii tahe. Laftii fi qabeenyi keenya qabeenya dhuunfaa Birruu ta’e. Ijoolleen dargaggootaa fardeen fi gaangolii isaa fi loltoota isaa tiksuu fi eeguu hojii godhatan. Gibbirri maallaqaa fi qabeenya biraan kaffaluun dirqama tahe. Uummanni namtichaa fi warra qubattootaf waan hojjatuuf yeroo ofiif oomishatu hin qabu. Uumamni baayyee hiyyoome, oggaa Birruu fi qubattoonni kaan facaqanii gammaddan nuti beelofnee dhumanne. Waan Jootee jala taanee caalaatti dararamne. Gatii Jootee abaarree Birruun dhufutti sirbinee dhiichisne sana dachaan kaffalle.
Ammas Waaqayyootti boonye. ni kadhanne. Innis kadhaa keenya ni dhagahe. Kanaaf bara 1936 Xaaliyaanii nuu fide. Xaaliyaaniin Birruu fi Nafxanyootaa isa waliin nurra qubatan ariitee nurraa kaafte. Baayyee gammanne. Akka amala keenyaa karaatti baanee sirbinee dhiichifne. Haa tahu malee ammas namni tokko illee ajandaa ( fedhii) warra Xaaliyaanii gaafate hin jiru. Nuti Birruun Badu qofatti mirqaanne. Jarri adiin Suni nurraa adda ta’anis Birruu irra nu wayyu jenneetuma gammachuu keenya itti fufne. Haa tahu malee ammas hirreeguma akka gaafa Jooteen deemee Birruun dhufee sana irra deebineet Buqqifamuun Jootee booda akkuma Birruun wayyuu nuuf hin buufne daganne. Xaaliyaanonni konkolaataa isaanif karaa baafachuuf uummanni keenya qonna isaa dhiisee torbeetti guyyaa dhan akka dhangaa baatee lafa qotu itti murteessan. Kan Sana dide oggasuma rasaasan tumamee ajjeefama. Dhibeen hamtuun ka’e jennaan warra dhibamee fi isaanitti dhiyoo walitti qabanii mana itti cufuun jiraa abiddaan guban dhibeen akka hin babaldhanne goona jedhanii.
Humna dhabuu keenyan hireen keenya kana ilalaaa boohu duwwaa ta’e. Ammas kaanee Waaqayyootti boonye. Dadhabne jennee itti himanne.
Ammas Waaqayyoon nu dhagahee bara 1941 Ingilizoota loltoota isaanii waliin karaa Suudan nutti fide. Jarri akka dhufteen Xaaliyaanota ariitee baafte nurraa. Ammas Ingilizoonni Maalif akka Xaaliyaanota ari’an nuti hin gaafanne. Am
218 episodes

All episodes
×Welcome to Player FM!
Player FM is scanning the web for high-quality podcasts for you to enjoy right now. It's the best podcast app and works on Android, iPhone, and the web. Signup to sync subscriptions across devices.